Arkiyaa
Arkiyaa ( ) Gartuu Lubbuqabeeyyii baaqlubbiyyoo/seelqeenxee ti. Maaykiroo-orgaanizimoonni kun niwukilasii seelii(wirmaata) waan hin qabneef pirookaariyootii(Wirmaatsoboo) dha . Arkiyaan jalqaba irratti akka baakteeriyaatti ramadaman, maqaa Arkeebaakteriyaa ( mootummaa Archaebacteria keessatti ) argate, garuu jechi kun fayyadama ala ta'eera.
Cicha lubbiyyoo isaanii peeptidoolikaanii soboo (pseudopeptidoglycan) jedhama. arkiyaan baay’een isaanii filatoo haalcimaa(extremophiles) dha. kana jechuun kanneen bakka jireenyaa lafa irra jiru hunda keessatti jiraachuu danda’an ni dha. kan baay’ee qorraa/ ho’aa, baay’ee beezawaa(hadhee)/asiidawaa(kiikkoowaa) dhatokko tokko ammoo filatoo haalidilee (mesophiles) ti, bidoolee idilee keessatti argamu. Walhormaanni karaa Addaan bahiinsalamee (binary fission)ta’a. Archaea seenaa jijjiirama tirannaa, jeneetiksii ykn dhaalsanyii, karaa meetaabolii, fi walnyaatinsa cicha seelii & meembraanii seeliitiin baakteeriyaa irraa adda. Arkiyaan tokkollee akka dhibee fiduu namaatti adda baafame hin jiru